#YaadannooGuyyaaABO_WBO
Yaadannoo Guyyaa WBO waggaa 43ffaa
Qabsoon hidhannoo bara 1974 jalqabamee gidduutti dhaabbatee bara 1976 keessa deebi’ee ijaaramuun beekamaa dha. ABO-WBOn deebi’ee ijaaramee isaa waggaa tokko gehu bara 1977 keessa mootummaan Ziyaad Barree bahaa fi kibba baha Oromiyaa qabachuuf duula guddaa bane.
Jala-Bulti Amajjii Tokko Guyyaa WBO fi Injifannoo ABO-WBO
Concert
Experience the ultimate concert – tickets available now! Simply use CashApp or Zelle, click or scan the QR code, and send just $50 to secure your spot. NOTE: Tickets are available at the door. Limited space, act fast!
AMAJJII TOKKO
AMAJJII TOKKO
GUYYAA WBO
Amajjii 1, Guyyaa WBO
Qabsoon hidhannoo bara 1974 jalqabamee gidduutti dhaabbatee bara 1976 keessa deebi’ee ijaaramuun beekamaa dha. ABO-WBOn deebi’ee ijaaramee isaa waggaa tokko gehu bara 1977 keessa mootummaan Ziyaad Barree bahaa fi kibba baha Oromiyaa qabachuuf duula guddaa bane. ABO-WBO reefuu gad of dhaabaa jiruu mootummaa lama of irraa loluuf dirqame. Duula mootummaa Somaalee dura dhaabbachuuf ABO-WBOn lola isa hin barbaachifne keessa seenuun dirqii itti ta’ee ture. Waraanni mootummaa Somaale Oromiyaa naannoolee waraana Dargii irraa kaase hunda keessatti ummata Oromoo ajjeesuu, qabeenya isaa saamuu fi dubartoota humnaan gudeeduu gochaa koloneffatan raawwatu dalaguutti seene. Mootummaan Ziyaad Barree duula koloneffatummaa isaa dhokfachuuf dhaaba maxxannee kan akka Somaale dhihaa (WSLF) fi Somale Abboo ijaaruun of dura buusee ittiin sochoo’aa ture. Kanaaf humni waraana Somaalee yeroo sanitti Dhaaba maqaa Oromootiin ijaarame kan akka ABO-WBO gurraan dhagayuu fi ijaan arguu waan hin barbaanneef dhabamsiisuuf carraaqe. Waraanni Somaalee waraana mootummaa Dargii caalaa naannoo sochii fi qubsumti ABO-WBO jirtu barbaadee rukutuuf qindoominaan sochoo’aa ture. Akeekni isaanii hamma ABO-WBOn jirutti lafa Oromoo maqaa Somaalee dhihaa fi Somaalee Abbootiin akka qabachuu hin dandeenye waan beekaniif ABO-WBO dhabamsiisuun dirqama itti ta’e. ABO-WBO-n yeroo san keessatti waraana mootummaa Somaalee irratti loloota hedduu gaggeessee ture. Isaan keessaa lolli bebbeekamoon:
- Ona Bookee magaalaa Kurfaa Roqaa.
- Ona Ciroo magaalaa Dagaagaa.
- Ona Malkaa Bal’oo keessatti ammoo magaaloota akka Jaajaa, Harawii fi Burqaa Saawaa.
- Gaara Mul’taa keessatti ammoo magaalaa Burqaa Tirtiraa faa keessaatti ture. Loloota kanaan ABO-WBO humna waraana somaalee injifatee magaalota kanneen dhuunfatee ture.
Lola humna koloneeffattuu mootummaa Ziyaad Barree wajjin godhu cinaatti ABO-WBOn waraaana mootummaa Dargiitiiniis naannoolee akka Oborraa, Haramaayaa, Gaara Mul’ataa, Carcarii fi Habroottiis lolaa ture. Yeroo sanitti humni ABO-WBO lola mootummaa lamaaniirraa hafee jiraatee qabsoo isaa itti fufa jedhee namni yaade hedduu hin turre. Haata’u malee waraanni Ziyaad Barree injifatamee baqaan biyya keenya keessaa bahe.
ABO-WBOn humna waraana mootummaa lamaa lolaa ture keessaa dandamatee gad of dhaabuuf yeroo carraaqu bara 1978 keessa yeroo reefu qabsoon hidhannoo ABOtiin gaggeeffamu lafaa ka’aa jiru kanatti rakkinni keessaa dhalachuun hegeree qabsoo bilisummaa Oromootiif yaaddoo guddaa ture. Bara san keessa miseensootaa fi hoogganoota murannoo fi hamilee cimtuu qaban qofaatu walitti hafee qabsoo dandamachiisuu duwwaa osoo hin taane bobbaan WBO baddaa Harargee guutummaa fi Arsii gama bahaa dhaqabuu danda’e.
Mootummaan Dargii waraana Ziyaad Barree injifadhe yeroo jedhu humni inni irraa guddaa sodaatu kan ABO akka baddaa Harargee fi Arsii harka guddaa dhunfate odeessii jedhu galuuf daddaffiin duula guddaa bobbaase. Duulli Dargii kun dhuma bara 1978 jalqabee bara 1979 guutummaatti kan deemee dha. Humna guddaa sababa lola Somaaleen ijaarrate gara humna ABO reef lafaa ka’aa jiru dhabamsiisuuf bobbaase. WBO dhabamsiisuuf ummata humnicha jiraachisa jedhu naannoo Harargee bahaa fi dhihaa keessatti waraanni mootummaa Dargii ummata Oromoo jumlaan ajjeesuu, hidhuu, qabeenya isaanii saamuu fi manneen qotee bulaa ibiddaan gubuu irratti bobbahe. Humna ABO kan Arsii fi Baalee keessa socho’aa ture irratti duula fakkaataa bane. WBOn duula mootummaan gabroomfataa Dargiitiin itti baname kana dura dhaabbachuu fi fashalsuuf loloota gurguddaa fi xixiqqaas hedduu gageesseera. Wareega qaqaliis itti baaseera. Maayii irratti duula humna waraana mootummaa Dargii itti baname kana WBOn fashalsee injifannoon xumurame. WBOn yeroo waraana mootummaa Dargii fi Somaaleetiin lolaa ture sanitti naannoo sochii isaa itti gaggeeysaa ture keessatti deeggarsa ummata isaa haa qabaatuu malee karaa dhiheessiitiin gargaarsa gara biraa irraa humaa tokkollee argachaa hin turre. Qawwee fi rasaasa diina isaarraa lolee hiikkateen deebisee lolaa ture.
Duulli waraana mootumaa Dargii akka injifatamee of duuba deebi’een hogganooti bakkoota adda addaa turan sababa lolaa irraa wal qunnamuun rakkisaa ture bara 1979 dhuma keessa nannoolee jiranii walitti dhufuun walgahii gaggeeyffatan. Walgahiin kun Kora Godina Bahaa jedhame beekama. Walgahii kana irratti haala keessa dabramee fi kan jiru irratti bal’inaan gabaasaa fi xinxalli godhame. Koruma kana irratti qindominni hojiis godhamee rammaddiin barbaachisuus godhame. Kanumaa waliin karoora hujii fuula duraa lafa kaayyatuun murtii fi ibsa ejjannoo baafachuun walgehiin milkii fi injifannoon xumurame.

Jala-Bulti Amajjii Tokko Guyyaa WBO fi Injifannoo ABO-WBO
Concert
Experience the ultimate concert – tickets available now! Simply use CashApp or Zelle, click or scan the QR code, and send just $50 to secure your spot. NOTE: Tickets are available at the door. Limited space, act fast!
AMAJJII TOKKO
Guyyaa Kabajaa WBO fi Injifannoo ABO-WBO
Mark the date.